(Madda Oduu ABO/MOA/Gurrandhala 2, 2010) MOA baha Oromiyaa irraa akka gabaasetti, dabballootnii fi bulchitootni wayyaanee daldaltoota Oromoo Godina Harargee Bahaa Ona Malkaa Bal’oo maqaa ABO deggertu ykn gargaartu jedhuun waraqaa hayyama daldalaa isaanii harkaa guuruun hojjetanii akka of hin jireessine dhiibbaa irraan gahaa jiru.
Keessumaa daldaltootni bunaa araddaalee Ona Malkaa Bal’oo keessatti argaman waraqaan hayyamaa bulchitootaa fi dabballoota wayyaaneen waan harkaa fudhatameef sochii daldalaa dhaabanii rakkoo guddaa irra bu’anii jiru jechuun maddeen keenya ifa godhu.
Daldaltootni bunaa kun buna isaanii waldaa daldala bunaa Guddinaa jedhamuu fi kan haadha manaa Mallas Zeenaawwii Azeeb Masfiniin durfamu qofatti akka gurguranis dhiibbaan irraan ga’amaa akka tures ibsameera.
Daldaltootni Oromoo Oromummaa isaaniin dhiibbaan irratti godhamaa jiru kun haala rakkinaa isaan mudachaa jiru kana dadhabatuun hojii daldalaa dhaabanii biyyaa baqataa kan jiran oggaa ta’u, warri hafe ammoo deegaaf akka saaxilamantu ifa ta’e.
Lukkeewwan wayyaaneen walta’anii maqaa ABOn ummataa fi daldaltoota rakkisan araddaa Caffee Waltahaa irraa Fiinxabaas Aammaddiin, Kaliil Bukhaa akkasumas dhimma miliishaa fi miseensa waldaa bunaa Azeeb kan ta’e Amiin Abraahim kan jedhamanii dha.
Dhiibbaa daldaltootaa fi hidhaa ummata irra gahaa jiru kana mormuuf ummatni magaalaa Jaajaa Harawaacaatti qonnaan bultoota dabalatanii mootummaa cunqursituu wayyaanee irratti akka hiriira bahan maddeen keenya ifa godhaniiru. Hidhattootni wayyaanee ummata hiriira bahe kana baay’ee isaanii akka hidhaatti darbanis MOA ifa godha.
MOA